Apilikeeshinota Bilbila Keessan Irrat Qabaachuu Qabdan

Apilikeeshinota 5 Kan Bilbila Keessan Irrat Argamuu Qaban.

Apilikeeshinota 5 Kan Bilbila Keessan Irrat Argamuu Qaban.

Duraan dursee baga gara websayitii kanaa nagayaan dhuftan an Yaasino dha. Barreefama koo hardhaatiin fayyadamtoota bilbila Android taatanif aplilikeeshinota jireenya keessan salphaa isii gochuu dandahaniif sochiilee guyyaati gootan isiniif salphisuu dandahan shan akka armaan gadiitti isiif dhiheeseera.

1. All tools

All tools Android app
App All tools jedhamu kun apilikeshinota Android bu'aa baaye irraa argachuu dandeessan keessa isa tokko yemmuu tahu, Keessatu apota garaagaraa kanneen bilbila keessan dhipisan hunda Balleesitani app kana qofaa fayyadamuu dandeessu. Sababni isaas app All tools jedhamu kun qophaa isaatti apilikeeshinota saddetama(80) ol tahan of keessatti qabatee jira. App All tools Jedhamu kana keessat apilikeeshinotni argaman hundi isaani apota bu'aa guddaa irraa argachuu dandeessaniidha. App all tools jedhamu kun wanti adda isa godhu Meegabayit torba qofaa waan taheef bilbila keessan hin dhipisu.

Apilikeeshiina kana Buusuf Link kana tuqaa ''Download All tools'' 

2.Es file explorer

Apilikeeshiini kun Faayilootaaf daata bilibila keessan keessati argaman hunda bakka tokkoti too'achuuf kan fayyadu yoo tahu garuu Wanti adda isa godhu keessa faayiloota dhokatanii bilbila keessan bakka qabachuun dhipisaa turan hunda balleessuu akka dandeessan gochuuf isin fayyada. Dabalataanis faayiloota zip tahan Extract gochuuf ni fayyada.Akkasumas haala salphaaf ariifataa taheen Faayiloota adda addaa gara bilbila biroo dabarsuuf ofitti fudhachuu ni dandaha.

Dabalataanis ap File manajera kana fayyadamuun faayiloota dhoksaaf sisteema bilbila keenya sochoosan hunda too'achuu ni dandeenya. Akkasumas App dabalataa osoo hin fayyadamin apilikeeshinuma es file explorer kana fayyadamuun Suuraaf Vidiyoo gara garaa dhoksuu ni dandeenya.kana gochuuf immo haaluma salphaan suuraaf vidiyoo dhoksuu barbaanne erga fooldera tokkoti walitti qabneen booda, fooldericha rename gochuun duuba isaa irrat mallatoo tuqaa dabaluun sava gachuun faayila keenya dhoksuu dandeenya.

App es file explorer download gochuuf kana tuqaa.. Download 

3.Mx player 

Apilikeeshiinni Mx player jedhamu App Vidiyoof Awodiyoo taphachiisuuf fayyadu yemmuu tahe apilikeeshinota Vidyo tapachiisan kanneen biroo irraa bayee addummaa kan qabuuf wantoota dabalataa kan of keessaa qabuudha. wantootni dabalataa appi kun of keessaa qabu keessa inni tokko Vidiyoo gara garaa akka namoonni biroo nuduraa hin ilaalle yoo jiraatan haala salphaa taheen fooldera kophaa taheen cufuun ni dandahama. Akkasumas popup player waan of keessaa qabuuf iskiriina tokkorat Vidiyoo ilaalaat Karaa tokkoon waan biroo fayyadamuu ni dandeenya.

Apilikeeshina kana buufachuuf Link kana tuqaa.. Download

4.Fooview

Aplikeeshiinni apikikeeshinota Bilbila smart tahan irrat argamu keessa isa tajaajila baaye nuuf kennuu dandahuudha.  Apilikeeshiinni kun of keessat Bu'aa apilikeeshinotni hedduu nuuf kennuu dandahan hunda bakka tokkott nuuf kennuu kan dandahuudha. Kanneen keessa 

1ffaan. Iskiriin keegna vidiyoo waraabuuf iskiriinshat kaasudha.want app kana adda godhu keessa tokko yeroo iskiira keenya vidiyoo woraabu bakka waraabu barbaadame sana qofaa isaatti baasuun waraabuu ni dandeenya. akkasumas yeroo skiriinshat goonus bakkuma barbaadame qofaa addaan baasuun skiirinshot kaasu ni dandeenya.

Dabalataanis Apilikeeshinni Kun suuraa Screenshot kaafne tokko battalumatti app kana fayyadamuun haala salphaa taheen edit gochuu ni dandeenya. An waaye app kanaa barreefama gabaaba kanaan isiniif himee xumuruu hin dandahu waan taheef app kana buufadhaati bu'aa isaa isinumti ilaala

app kana buufachuuf link kana tuqaa. Download

Post a Comment

0 Comments